Seensa
Bu’uura seerotaa fi Qajeelfamoota Rippablikaa Dimokraatawaa Federaal Itiyoophiyaa kan godhatee miseensii waldaa Tol-Ooltata fi Misooma Barakaa hojii Tola-Ooltummaa haala waliigala jiruu isaa godhee kan fudhatee dirqama Namummaa fi Lammummaa bahuuf waadaa kan galee fi dambii ittiin bulmaataa kan jalattii buluuf kan fudhatee dha. Waldaan kun harka qalleeyyii fi qaama miidhamtoota gargaaruu fi hubannoon hawaasa keessattii waa’ee hojiin Tola-Ooltummaa akka dabaluu fi miira walqixxummaa, haqummaa fi nagaa dadammaqsuuf kaayyeffatee kan hojjatuu dha.
Keewwata 1: Maqaa fi Teessoo
- Maqaa: Maqaan waldaa kanaa Waldaa Tol-Ooltota Fi Misooma Barakaa, dambii kan keessattii gabajee WTMB kan ibsamuudha.
- Teessoo: Teessoon Waajjirichaa Magaala Yaaballoo, Ganda Garbii, Reera Bultii Geedootii dha.
Keewwata 2: Galmaa Kaayyoo, fi Hojii
2A. Galma: Waldaan Tol-Ooltotaf Misooma Barakaa kan bu’aa hin dhaabbatinii fi siyaasa irraa bilisa ta’ee akkaataa Labsii Rippablika Dimokratawaa Federaalaa itiyoophiyaatin tajaajila kennuuf taaksii irra bilisa kan ta’eedha.
- Waldaan Tol-Ooltota Fi Misooma Baraka kan hundeeffameef harka qalleeyyii gargaaruu, Hojii Misooma fi barumsaa galma godhateeti.
- WTMB hojii Misooma ummataaf ta’uu Kamiyyuu Keessatti hirmaachuu fi Qindeessuun Dirqama Lammummaa kan bahuu dha.
- WTMB Kaayyoo dhaabbateen alattii karaa addaan labsii fi dambiiwwanii biroon hojii hayyamamaniifin alatti irratti hirmaatee kan hojjatuu miti dha.
- WTMB bakka bu’uudhan hojii siyaasaa kamiyyuu keessaa kan hin seennee fi hin hirmaanne dha. Hojiiwwan duulaa kallattii fi alkallattiin maxxansuu fi tamsaasun kan dhowwamuudha.
2B. Kaayyoo: Kaayyoon Waldaa Tol-Ooltota Fi Misooma Barakaa innii jalqabaa hawaasa tajaajiluu fi hawaasa harka qalleeyyii keessaa fi naannoo isaatti argamaniif deeggarsa waliiti qabuun dirqama hojii Namummaa, hawaasummaa fi Tajaajila Lammummaa hojjachuu.
- Haala mijataa abbootii qabeenyaa fi sooressaa keennaa uumun akka deeggarsa kennan, fi hojii misoooma biyyaa keessattii hirmaatanii akka hojjatan jajjabeessuu.
- Dargaggoo ijaarun hojii deeggarsaa fi misoomaa taasifamuu irratti akka hirmaatan gaahomsuu fi hojii misooma hawaasaa irratti gaahominnaan akka hirmaatan taasisuu.
- Waldaalee biroo waliin akkaataa dambii waldichaa hin faallesineen waldubbisuun nageenyaa fi hariiroo hawaasa bal’aa akka cimu taasisuu.
- Hojiiwwan hojjataman keessatti seeraa naannoo fi federaalaa kabajuun hojjachu.
2C. Hojiilee: Akkaataa WTMB kaayyoo jalqabaatin,kan armaan gadii ijoo hojiiti dha;
- Buusii miseensaa fi kennaa qaama biraan harka qalleeyyii kennamuu qindeessuu fi gurmeessun deeggarsaaf akka mijatuu taasisuu
- Ijoollee haadha fi Abbaa hin qabne haala warrii keessa jiran qulqulleessun akka gargaaraman taasisuu.
- Walitti hidhamiinsa obbolummaa fi hawaasa akka jajjabaatu taasisuu.
- Hubannoon hojii Tola-Ooltummaa hawaasa keessatti,mana barumsaattii,gidduugala adda addaatti fi univeristiittii akka babal’atuu taasisuu.
- hojiiwwaan hawaasa,barumsaa fi kan biroo akkaataa seera biyyaatin akka hojjatamu taasisuu fi hojjachuu
- Qindoominna qaamolee hojii Tola-ooltota irratti hirmaatan dambii waldichaa hin faallessini kan kaayyoon walitti dhufeenya qabuu waliin qindaa’anii hojjachuu.
- Dhaabbilee deeggarsa naannoo,Biyyaa fi Idil addunyaa waa’ee dhimma tol-ooltotaa fi deeggarsaa irratti hojjatan waliin ni hojjata.
- Deeggarsa harka qalleeyyii akkaataa umriitin,qaama miidhama,rakkoo qarshii qabaniitin akka deeggarmu irratti ni hojjata.
Keewwata 3: Gurmaa’insa Waldichaa
3.1 Waldichii qaama sadii of keessaa qaba;
A. Yaa’ii Waliigalaa (General Assembly)
Qaamnii kun qaama miseensa guutuu waldichaa ta’ee mirga filuu kan qabuu fi angoo waldichaa bocuu fi karaa sirrii qabsiisuu kan qabuu dha.
B. Koree Boordii Waldichaa (Board Led)
Miseensa guutuu seera qabeessaa fi kan qaama waliigalaan filatame ta’ee Murteewwaan barbaachisuu sireefama dambii Ittin bulmaata waldaa akka kabaajamuuf sirra’u kan hojjatuudha Itti Wamammii isaa ya’ii Waliigalaatiif
C. Koree Hojii Rawwachistu
Miseensa guutu seera qabeessaf Dambii Ittin Bulmaata waldicha Kabaaje Hojii Guyyaa Guyyaa waldichaa kan hojatuudha.Itti wamammii koree hojii Raawwachiistuu Koree Boordiitif.
3.2 Haala Qondaltoota hojii waldichaatif Filataman
Miseensii hundii Koree hojii Gaggeessituu fi koreen Boordii ta’anii kan tajaajilaa lammii itiyoophiyaa dhalootan kan ta’anii fi bara tajaajila kennaa jiranittii waraqaa Eenyumaa bakka jireenyaa qabaachuu qaban.
3.3 Seenaa Yakkaa Qondaaltota Filatamanii
Miseensii waldichaa yakkaan himatame ykn shakkame miseensa koree hojii gaggeessituu fi Boordii ta’ee filachuu hin danda’uu.
3.4 Kaffaltii Tajaajila miseensan kennamu
Koreen hojii gaggeesituu ykn koree Boordii fi miseensa waldichaa kamiyyuu tajaajila waldaa keessstti kennuuf miindan, beenyaa fi faayidan adda addaa kallatti fi alkallattiinis kan hin kaffalamee dha.
Maappii Gurmaa’insa Caasaa Waldichaa
Keewwata:4 Yaa’ii Waliigala(General Assembly)
Miseensii Yaa’ii waliigalaa waldichaa buusii ji’a ykn waggaa irraa eeggamuu kan yeroon kaffalu ta’uu qaba.
- Akkaatuma dambii keessatti tuqame miseensii raawwii fooyyee qabuu fi buusii isaa yeroon kaffalaa jiru filatamaa ta’uu ni danda’aa.
- Miseensii yaa’ii waliigalaa adeemsa miseensa Boordii ykn waldichaa haquu jalqabuu kan danda’uu sagalee ykn mallattoo miseensa Boordii filuu harka 20% yoo argateedha.
- Yeroon turtii miseensa Yaa’ii waliigalaa bara kalandera Lamaa ti dha.
- Koree Boordii iyyata kamiyyuu diduu fi mirkaneessuu bilisaan ni danda’a. yoo faallaa Qajeelfama fi dambii seera waldichaa fi faayidaa dhuunfaf iyyatichii ta’ee garuu qalbii qulqulluun iyyaticha kan qulqulleessuu dha.
- Dhuma Bara haaraa kamiyyuu yeroon turtii miseensummaa kan xummuramuu fi haaromfamuu kan danda’uu dha.
- Seera waldichaa hordofuu dhabuun koree hojii gaggeesituun Dhiyyaate Boordiin miseensummaa irraa kan nama haquudha.
- Eegaa Miseensummaan Boordii dhan haqame, miseensichii waggaa tokkoon booda irraa deebi’uudhan iyyataa nadeebisaa galfachuu ni danda’a.
- Miseensii haqamee murtii Boordii irraa komii yoo qabaatee adeemsa jaarsummaa ykn Ya’ii wolii gala irratti iyyachuu ni danda’aa.
Keewwata:5 Koree Hojii Gaggeesituu (Manajimentii) Waldichaa
Koreen hojii Gaggeessituu (Raawwachiistuu) waldichaa miseensa Sagaali (9) qabuu Manajimentii waldichaa Kan jedhamuu Boordii waliigalaa tiin sagalee caalman filatamee ittigaafatamummaa guyya guyyaan waldicha keessaatti hojii hojjatamuuf kan fudhatuudha.
5A. Ulaagaa Koree ta’anii filatamuuf Dandeessisan(Elegibility)
Miseensii bakka Boordiif Manajimentiif dorgomuu dhimmamee waldichaatiif kan si’a’innaan hojii hojjatuu, kan hirmaatuu ta’uu kan qabuu fi ulaagaalee armaan gadii guutuu qaba.
- Waggoota Lamaa asi rakkoo namuusaan kan hin himatamnee ykn itti hin murtoofnee.
- Waggaa tokko dabraniif Miseensa waldichaa ta’e maqaa fi namuusa gaarii kan qabuu.
- Waggootan dabran keessati fedhiif kaka’umsa hojii tola ooltummaa irratti nama buusii yeroon kaffalee ta’uu qaba.
- Miseensa Manajimentii waldaa biraa keessa kan hin jirree fi dhiibbaa kan hin goonee ta’uu qaba.
- Yeroo turtii osoo hin xummuramin Dursee angoo Boordii ykn hojii raawwachiiftuu kan hin dhiisin ta’uu qaba.
- Guddina waldichaaf aantummaa kan qabu fi Dudhaallee waldichaatif kabaja kan qabu
5B. Dirqama Ittigaafatamtoota Manajimentii(Koree Hojii Gaggeessituu)
- Manajimentiin qaama murteessaa bulchiinsa waldichaaf itti gaafatamummaa hojii ol’aanaa kan qabuu fi Murtii Boordii kan raawwachiisudha.
- Itti waammamnii Manajimentii kallattiin Koree Boodiif ta’a.
- Hojii waldichaa guyyaa guyyaan raawwatee itti gaafatamummaan ni gaggeessa.
- Manajimentiin waldichaa bilisaa fi qulqullinna qabaachuu kan qabuu seera waldichaa gidduugaleessa gochuun faayidaa waldichaa kan eegsisuudha.
- Qarshii hojii waldichaaf barbaachisuu walitti ni qaba,seeraan hojii irra ni Oolcha.
- Karoora hojii fi baajata qopheessee Koree Boordiin mirkanneessuun hojii irra ni Oolcha.
- Sirna qabiinsa herrega waldichaa ni dirriirsa,haalaan akka qabamu,fi galmaa`u ni godha.
- Herregii fi sochiin hojii waldichaa waggaan cufamee odiitiif akka qophaa`u ni godha.
- Gabaasa raawwii hojii fi sochii bulchiinsa fi faayinaansii yeroo yeroon ni qopheessa Boordii ni dhiyeessa.
- Dhimmoota waldichaa kamiinu ilaalchisee bakka bu`aa ta`ee ni tajaajila.
- Manajimentiin galmee herregaa ykn galii fi baasii waldichaa qulqullinnaa fi dhugummaa isaa ji’aan ykn yeroo barbaadamettii ni ilaala.
- Manajimentii ergaa filatameen booda Ittigaafatamaa,Itti aanaa,barreessaa fi Faayinaansii, Koree Galii,Koree Deeggarsa fi Kennaa,Komunikeeshinii Gorsaa Hariiroo ummaata fi Oditeera ni filataa.
- Koreen hojii gaggeesituu haala ajandaatiin walga`ii geggeessu fi murtii dabarsuu kan danda`u miseensota koree keessaa walakka ol ykn 50+1 yoo argamaniidha.
- Murtiin koreen hojii raawwachistuu murteessuu sagalee caalmaan ta`ee garuu sagalee walqixa bakka lamatti yoo addaan qoodamee sagaleen walitti qabaa murteessaa ta`a.
- Murtiin Manajimentii kan darbuu danda’uu sagalee 2/3 sagaleen yoo argameedha.
5C. Akkaataa Yeroo turtii
- Barri hojii koree hojii gaggeesituu waggoota 4(Afur) ta`ee walitti aansee yeroo 2(Lama) caala filatamu hin danda`an.
- Miseensii Manajimentii ergaa walittii aansee marsaa lama dorgomee booda kan dorgomuu danda’uu ergaa boqonnaa fudhateen booda dha.
- Laakkofsii herrega baankii maqaa miseensa Manajimentitiin ba’uu Manajimentiin kan mirkanaa’uu ta’uu qaba(caalmaa 5/7)
- Yeroon turtii Manajimentii ergaa xummurameen boodaa Manajimentichii maqaa waldaatin murtii murteessuu, waliigaltee taasisuu fi mallattoo mallatteessuu hin danda’uu.
- Yeroo turtii keessattii waliigalteen kamiyyuu ji’aa 12 ol dabruu hin qabu.
- Manajimentiin kurmaan kurmaanan hojii waldichaa, odeefannoo faayinaansii fi murtii barbaachisaa miseensa Koree Boordii qaaman,miidiyaa(Telegraam ykn email) adda adda fayyadamuun gabaasa kennuu qaba.
5D Dirqama Waliigalaa Miseensa Manajimentii
5D1- Dura taa’aa
- Dura taa’an filatame marii Manajimentii kan dursuu(Walitti qabaa Manajimentii)ti.
- Ji’a ji’aan ykn yeroo barbaadametti marii manajimentii ni gaggeessa
- Marii dhaabaata adda addaa woliin ni gaggeessu.
- Gabaasa herrega maallaqaa kurmaanan miseensa Koree Boordiif ni dhiyeessa.
- Karaa kamiyyuu qaama sadaffaa biratti waldicha bakka bu’e hojii waldicha ilaalu hundaa ni raawwata, bakka bu’iinsa ni kenna, maqaa waldichaatiin xalayaa wal-jijjira, waldicha bakka bu’e dhimma waldaa irratti falmii ni gaggeessa akkasumas waligaltee ni godha.
- Cheekii malee sanada adda addaa waldicha bakka bu’uudhan ni mallatteessa.
- Waldichaa bakka bu’uudhan qondaltoota mootummaa,bakkabu’oota amantaalee biroo,qaama waldaalee amantaa biraa ni qunnama.
- Wixinee imaammata waldichaa baasuudhaan miseensa manjiimeentiif ni dhiyeessa.
- Bu’uura dambii ittin bulmaataatiin haala galiin waldichaaf itti argamu ni mijeessa.
- Odeeffannoo yaa’ii waliigalaa irrattii dabran fi qaboo yaa’ii mirkanaa’ee irraa deebi’ee ilaalun ni qulqulleessa.
- Manuwalii hojii fi adeemsaa hojii guyyaa guyyaa waldichaa kan akka ittifayyadama meeshaa, walitti qabuu maallaqaa fi oditii herregaa qopheessee ni qabaata.
5D2- Itti aanaa Dura taa’aa
- Itti waamamnii isaa koree hojii gaggeesituuf ta`ee yeroo dura ta`an hin jirree bakka bu`ee itti gaafatamumman ni hojjeta
- Barbaachiisaa yammuu ta`u hojiin dura taa`an kennamuufi ni danda`a.
- Hojiwwan koree hojii gaggeesituun kennamuuf ni raawwata.
- Hojiiwwan waldichan gaggeeffamuu fi hojjatamu kamiyyuu ni qindeessaa,ni ilaala akkasumas sagantaa hojii adda adda barbaadaman ni baasaa.
5D3- Barreessa Waldichaa
- Ittiwaamamni isaa dura ta`aaf ta`ee galmeewwan faayilooti harshammeewwan fi chaappaa waldichaa seeraan ni qaba ykn akka qabamu ni godha.
- Qaboo yaa`ii walga`ii waligalaa fi koree hojii geggeesitu ni barreessa,mallattoo hirmaatotaan akka mirkanaa`u ni godha.
- Eegduu Galmee waldichaa ta’ee ni tajaajila, yeroon turtii isaa yoo xummurame qaama itti aanuf ni dabarsaa.
- Dura ta`a fi Itti Aanaa Waliin mari’aachuun ajandaa walga`ii ni qopheessa.
- Hojiwwan biraa barbaachisaa ta`an ni raawwata.
- Waajjira waldichaa ni qindeessa xalayoota fi barreefamoota barbaachisaa ta`an ni eerga,ni fudhata.
- Beeksisa, Odeefannoo miidiyaa walqunnamtii, weeb sayitii ni to’ata, ni qindeessaa.
- Beeksisa adda addaa miseensa waldichaatif ni maxxansa ,sagantaalee jiran ni beeksisa.
5D4- Qindeessaa Faayinaansii Waldichaa
- Itti waamamii isa Dur ta’aa waaldicha tiif
- Baasiin maallaqaa waldichaa naga`ee fi sanadoota herrega barbaachisaa ta`aniin deggeramee namoota aangoon kennameefiin mallattaa`ee dhiyaachuu isaa ni
- Namoota aangoon kennameef waliin ta’uun cheekiin waldichaa akka mallatteessan taasisun qaama kennamuufii ni dabarsa.
- Galii fi baasii waldichaa guyyaa guyyaan galmee (cash-book) irratti ni galmeessa.
- Baasii fi galii maallaqaa ilaalchisee dambiwani fi qajeelfama irratti kan caqasamee hojii irra akka Ooluu ni godha.
- Herrega Baasii fi galii waldichaa qindeessee ni qabata akkasumas abbummaadhan yeroo yeroon ni hordofa.
- Maallaqaa guddaa cheekidhan bahuu ergaa Manajimentiidhan mirkanaa’en booda mallatteesisuun (Nama sadii ykn lama) akka bahii ta’uu ajaja ni raawwata.
- Gabaasa herregaa ji’aa ergaa ji’inii xummuramee guyyaa 10 keessatti manajimentii tif ni dhiyeessa.Miseensa guutufis akka beekan ni taasisa.
- Gabaasa herregaa waldichaa qopheessun yaa’ii waliigalaatiif ni dhiyeessa
- yeroo yeroon maallaqaa qaama deeggarsa kennaniin herrega baankii waldichatti galii ta’ee hordofaa ni galmeessaa.
- Odeeffannoo maallaqaa baankii herregaa keessa jiruu Manajimentii,Amaanaa Eegdota fi miseensa guututii yeroo beekuu fedhanitti ni kenna.
- Dhuma Bara baajataa irratti Ibsa Galii fi baasii waldichaa Manajimentii fi yaa’ii guutuu ni dhiyeessa.
- Yeroon turtii hojii isaa yoo xummurame qaama biraatif wantoota hojii barbaachisan hundaa ofirraa ni dabarsa.
5D5- Qindeessaa Komunikeeshinii
- Itti waamamnii isaa Durtaa’aa waldichaatif ta’a.
- Hojii komunikeeshinii adda adda waldaaf barbaachisan hundumaa qaama dhimmii ilaaluu waliin kan hojjatuu dha.
- Waldichaa hawwaasa naannoo waliin walitti dhufeenya barbaachisaa qabaatee
misooma naannoo keessatti akka hirmaatuu ni godha.
5D6- Qindeessaa Koree Deeggarsaa fi Barumsaa
- Ittii waamamnii koree kanaa koree hojii raawwachiistuu waldichaatif ta’a.
- Hojiiwwan deeggarsaa sassaabuu fi qaamotaa deeggarsa kennuu danda’an dubbisuun akka sassaabamu ni taasisa.
- Hojii kennaa fi deeggarsaa qindeessun yeroo isaa eeggatee akka hojjatamuu ni taasisa.
- Waldaa bakka bu’uun deeggarsa kennitoota dubbisuun akka harka qalleeyyii deegaran nii taasisa akkasumas walqunnamsiisa.
- Namootan deeggaramuu qaban seera waldichaa gidduu-galeessa gochuun maqaa isaanii koree hojii gaggeesituuf ni dhiyeessa.
- Hojiilee waamichaa ykn barumsaa dhimma deeggarsa barbaadun walqabatee qaamotaa adda addaa hirmaachisuun akka hojjatamuu ni taasisa.
- Sagantaa Barumsa Hojii Tola-Ooltummaa baasudhan miseensii waldichaa akka baratuu haala ni mijeessa.
5D7- Qindeessaa Galii Waldichaa
- Galiiwwan waldichaa nagahee seeraa qabeessa ta’een ni guura, ni galmeessa.
- Qarshii walitti qabamee baankii ni galchaa nagayee galii itti godhame of-eeggannoon ni kaaya
- Yaa`ii waligalaan kan filatamu ta`ee Durtaa’aa waldichaatif ni waamama.
- Leejeraa xixiqqaa hojii herregaatiif(Galii buusii,fi kennaa adda addaa) ni qopheeffata.
- Odeeffannoo maallaqaa baankii herregaa keessa jiruu Manajimentii, fi miseensa guututii yeroo beekuu fedhanitti ni kenna.
- Dhuma Bara baajataa irratti Ibsa Galii fi baasii waldichaa Manajimentii guutuu ni dhiyeessa.
- Yeroon turtii hojii isaa yoo xummurame qaama biraatif wantoota hojii barbaachisan hundaa ofirraa ni dabarsa.
Manajimentiin haalaa hojii isaatif akka mijatuu sadarkaalee angoo armaan gadiitti miseensaa Manajimentii keessaa fi miseensa waldichaa keessaa filachuu kan danda’uudha.
- Qindeessaa Waajjiraa fi Koree To’annoo
- Qindeessaa Miidiyaa fi Koree Teknikaa fi Hawaasummaa
- Qindeessaa Kennaa fi Deeggarsaa
- Qindeessaa Barnootaa fi kan biro
5D8- Qindeessa Hariiro Ummataa
- Calallii Harka Qalleeyyii raawwachuu
- Rakkoowwan gaa’eelan walqabatan addaa baasun hordoffii fi deeggarsa taasisu.
- Harka qalleeyyota addaa bahaniif Carra hojii Uumun Haala mijjeessu.
- Waldaleen Biraa waliin Qindoominnaan Hojjachu.
- Ittii waamamii isaa Dur Ta’aa Waldichaa tiif
5D9- Qindeessa Bulchiinsa Humna Nama
- Beeksisaa adda addaa qindeessu
- Qaxarrii dhaabbii fi kontiraata raawwachu
- Miseensa waldaa Tol-ooltummaaf barbaadaman qindeessu
- Waraqaa Eenyummaa Waldichaan qophaa’an raawwachuu.
- Hojjatoota waldichaa Hojii isaani irratti Deeggarsa fi hordoffii Taasisu
- Ittii waamamii isaa Dur ta’aa Waldichaa tiif
5E- Hojii fi Itti Gaafatamummaa Oditaraa
Odiitara waamichi isaa yaa’ii duchaaf ta’ee:
- Bulchiinsa qarshii fi qabeenya waldichaa ni too’ata.
- Hojiin waldichaa akkaataa dambii bayeen raawwatamu isaa ni mirkaneessa
- Gabaasa odiitii waggaa yaa’ii duchaaf ni dhiyeessa.
Keewwata 6: Koree(Boordii)
Miseensii Koree Boordii Torba(7) qabeenyaa waldichaa eeguf kan dhaabbatan yoo ta’uu,amaanaa kan eeguu fi osoo hojii Manajimentii keessa hin seenin kan hojjatuudha.
6A- Ulaagaalee Miseensa Koree ta’anii filatamuuf Dandeessisan
- Dandeettii miseensaa Manajimentii ta’uuf gaafatu hundaa guutuu qaba.
- Lammii Itiyoophiyaa ta’uu qaba.
- Manajimentii fi waldichaa haala gaarin kan tajaajilu ta’uu qaba
- Waggootan lamaan dabreef miseensa waldichaa kan ta’ee
- Seenaa Galmee yakkaa irraa qulqulluu kan ta’ee
6B- Yeroo Turtii
- Yeroon turtii Koree amaanaa Eegdotaa waggaa afur(4)
6C- Haquu
Miseensii Koree Amaanaa keessaa tokko dirqama itti kennamee fi gahee hojii isaa sirriitti bahaa hin jirre fi koree isaa bakka buusuf yoo irratti waliif hin galin adeemsa armaan gadii ni hordofuu;
- Namoota lama ykn sadii ulaagaa koree ta’anii filatamuuf dandeessisan qaban Manajimentiif ni dhiyeessuu
- Barbaachisaa ta’ee yoo argamee ,Galtee yaadaa Manajimentii irraa fudhatuu
- Manajimentiinis namootan dhiyaatan san Boordiif dhiyeessee sagaleedhan akka filatamuu taasisuu.
6D- Ittii Gaafatamummaa
- Ijaarsa Qarshii 50,000 ol gorsa nikennaa mirkaneessuf waliiglaa
- Oditiin bilisaa Galmee herregaa waldichaa gaggeeffamuu isaa ni mirkaneesaa
- Kurmaanan sochii maallaqaa hojii waldichaa qulqulleesun ni madaala
- Baankii Herregaa waldichaa ilaaluu ni danda’aa
- Hojii Manajimentii akkaataa seeraa waldichaatin hojjatamaa jiraachuu isaa ni ilaala.
- Yoo Manajimentiitin itti fayyadamnii maallaqaa qisaasama qabaate tarkaanfii armaan gadii ni fudhata;
- Xalayaa hatattamaa Manajimentichaaf sirreeffamnii akka taasifamuu ni barreessa
- Manajimentii ergaa xalayaan dhaqqabeen booda guyyaa 15 keessatti yoo sirreeffama hin taasisin yeroo laammaffaaf xalayaa ni barreessa
- Manajimentichii ammas guyyaa 30 ykn barreeffaa lammaffaa guyyaa 15 barraa’e keessatti yoo hin sirreessin koreen amaanaa Eegaa dhimmichaa Boordiif waliigalaatiin Manajimentii akka diigamuu ni Gagaata.
- Sagaleen harka 60% yoo yaada koree amaanaa Eegdotaa waliin waliigalamee adeemsaalee armaan gadii ni hordofama;
- Manajimentii Diiguu
- Manajimentii Cee’umsa Bakka buusuu ykn dhaabuu
- Filannoo Haaraa Guyyaa 60 keessatti Gaggeessuu.
Keewwata 7: Filannoo
- Filannoo angoo Boordii kan gaggeeffamuu waggaa lama lamaanii dha.
- Guyyaan Filannoo dhuma waggaa ji’a kudhanii lamaffaa keessa ta’a.
- Miseensii Koomishiinii Filannoo Sadii Manajimentiin kan hundeeffamuu ta’ee, miseensa tokko Boordii keessaa,tokkoo Miseensa Manajimentii kan dorgomaa hin ta’in fi tokko immoo miseensaa yaa’ii waliigalaa keessaatii kan filatamuu dha.
- Miseensa waldichaa bakkaa komishinii filannoo jirutti yeroo filannoo argamuu hin dandeenyee fooyya’iinsa dambii fi filannoo dursee akka filatuu ni hayyamama.
- Miseensa biraatif Bakka bu’ummaan filuun hin hayyamamu.
Keewwata 8: Maanguddoota(Jaarrolee)
- Jaarroleen waldicha Keessa jiran jiraataa biyyaa kan ta’anii fi duudha hordofan ta’u qabu.
- Gaheen hojii fi ittigaafatamummaan seeraa fi dambii waldichaa gidduu galeessa kan godhatuu dha.
- Filannoo Mirkaneessuu fi haqamuun kan danda’amuu Koreen hojii gaggeessituu ykn Boordiin guutun yoo irratti waliigaltee kan danda’amuudha.
- Gahee hojii adda adda akkaataa dambiitin kan raawwatu ta’a.
Keewwata 9: Jaarsummaa ykn Araara
- Waldhabbiin kamiyyuu waldicha keessattii yommuu uummamee akkaataa dambii waldichaatin kan furamu ta’a.
- Waldhabbiin miseensaa kamiyyuu Koree namusaaf Komii ilaalame Manajimentiif iyyannoon ni barraa’aa.
- Waldhabbii kamiyyuu Manajimentii fi miseensa Manajimentii gidduutti jiru Qaama Biran ilaalamuu yoo barbaadame koreen hojii raawwachiistuu koree Boordii waliin ta’uun koree Araaraa ni dhaaba.
- Koreen jaarsummaa fi Araaraa miseensa shan of keessaa kan qabuu dha. Koree Boordii Manajimentii keessa miseensa tokko ni fila, tokko miseensuma ofii(koree jarsummaa) keessa,tokko miseensa waliigalaa keessaa fi nama lama Aabbooti Amaanta beekkamoo naannoo sanitti argaman keessaa akka filaman taasisee koree ni hundeessa.
- Koreen jaarsummaa fi araaraa tarkaanfii sirreeffama fudhachuuf angoo dhumaa kan qabuu dha. Koreen Murtii akkanaa yommuu kennuu ergaa yaa’ii waliigalaan mirkaneeffateen booda murtii dhumaa ta’uu miseensa waldichaa ni beeksifama.
Keewwata 10: Fooyya’iinsa Dambii
10A – Karoora Dambii Ittiin Bulmaataa Fooyyessuu
- Caalmaa Sagalee 2/3(75%) Ergaa mirkaneessen boodaa Koreen Boordii karooraa fooyya’iinsa seera ykn Dambii waldichaa ergaa irratti mari’ateen boodaa barreeffamaan guyyaa 30 dura mariin yaa’ii waliigalaa osoo jala hin qabin yaa’ii waliigalaatiif dhiyeessuu ni danda’a.
- Yaa’in waliigalaa fooyya’iinsa dambii kan dhiyeessuu mallattoo miseensa waldichaa harka 20(20%) ergaa walitti sassaaben booda ta’a.
- Wixineen dambii fooyya’iinsaa dhiyaatu kamiyyuu mariin yaa’i waliigalaa osoo jala hin qabin guyyaa 30 duratti miseensa waldichaa dhaqqabuu qaba.
- Miseensii dambii fooyyeessuu irrattii hirmaatuu miseensa yaa’ii waliigalaa keessaa harkaa 40(40%) miseensa filataa ta’uu qaba. Irra deebidhan waltajjiin marii taasifamuu harka digdamaa(20%) miseensii filataa argamuu qaba.
- Yeroon filannoo osoo hin gahin,Filannoon duraa mariin waliigalaa osoo jala hin qabin guyyaa 7 keessattii miseensii qaaman ykn sagalee isaa bakka bu’ummaan akka buusaniif miseensa Manajimentii keessaa bakka buufachuu ni danda’a.
- Sagaleen miseensaa harka 2/3(75%) fooyya’iinsa dambii taasifame mirkaneessuun hojii irra akka ooluu ni taasisa.
- Karoorrii Fooyya’iinsa dambii ittiin bulmaataa irratti kan dhiyaatun miseensa Boordii ykn manajimentiitin
- Miseensii Waldichaa kamiyyuu yaada isaa fooyya’iinsaa dambiif ni gargaara jedhee yoo amane barreeffamaan Manajimentiif dhiyeessuu qaba.
- Jijjiiramnii Dambii irratti taasifame kamiyyuu karaa miidiyaalee adda addaatin ykn telegraaman miseensa waldichaa beeksifamuu qaba.
Keewwata 11: Waldaa Diiguu fi Qabeenya Maqsuu
11A- Waldaa Diiguu
Yoo haalawwan hin eeggaminiin diigamsii waldaa mudatu ta’ee, adeemsaalee armaan gadii kan hordofamuu ta’a;
- Sagaleen miseensa filataa harkii 75%Koree Boordii manajimentiin miseensa guutuu waliigalaa akka waamichaa taasisee diigamsaa waldichaa irrattii sagalee akka kennamuu ni taasisa.
- Beeksisnii Barreeffamaa miseensa filataaf barraa’ee akka dhaqqabuu ni taasifama.
- Harkii 90% Miseensa filataa yaa’ii waliigalaa keessattii diigamsa waldaa irratti sagalee kennachuu qaba.
- Koreen Boordii murtii yaa’ii waliigalaa hatattamaan hojii irra ni oolcha.
11B- Qabeenyaa Maqsuu
Koreen Boordii Ergaa Filaame qabeenya waldichaa maqsamuu kamiyyuu waldaalee Hojii Tola-ooltotaa bu’aa dhuunfa hin hojjanne akkasumas waldaa kaayoo walfakkaataa waldichaa waliin qaban,kan hojiilee Misooma ,deeggarsaa fi hojiilee barumsaa irratti hirmaataniif dabarsuu ni danda’a.
Keewwata 12: Odeeffannoo Waldichaa Iccitiin Eeguu
- Miseensii Waldichaa kamiyyuu akka bahu bifa oddeeffannoo ajajameen alatti haala qunnamtii hojii isaanitiin odeeffannoo Qaama Deeggarsa Kennee eenyutu osoo dabarsanii hin kenniin icciitiin eeguu qabuu.
- Bu’uura keewwata xiqqaa (1) tiin namoonii odeeffannoon Waldichaa harka seene, odeffannoo akkanaa kana icciitiin eeguuf dirqamu qabuu.
- kutaa kanaa keessatti odeeffannoon icciitummaan isaa akka eegamu godhamee namoonni biroo isaan gahe namoota biraa kamiifuu odeeffannoo kanneen dabarfamanii akka kennaman godhuu hin qabaatan.
- Odeeffannowwan Qaama Deeggarsa kennee namoota miseensa waldichaa ala ta’an akka kennamu gochuun kan danda’amu waliigaltee deeggarsa kennaa waliin barreeffamaan yoo argame qofaa ta’a.
- Barbaachisaa ta’ee yoo argameen alatti odeeffannoo maqaa waldichaa balleessuu danda’uu Bakka hayyamameen ykn waajjiraa alattii keessoo waldichaa haasawaa deemun miseensa waldichaa irraa hin eeggamu.
- Walitti bu’iinsa miseensa waldichaa gidduutti jiruu dursa alatti baasuu dhabuu.
Keewwata 13: Mirgaa fi Dirqama Miseensotaa
13.1 – Mirga miseensotaa
Miseensii waldichaa kamiyyuu dirqama miseensaa irraa eeggamu yammuu guutuu mirgoota armaan gadii ni qabaata.
- Miseensotni hundinuu mirga wal qixxee qabu
- Miseensi tokko buusii irraa eegamuu kan hin kaffallee ykn tajaajila irraa eeggamu kan hin kenninee yoo ta’e mirga isaatin hin fayyadamu
- Walga`ii waliigalaa miseensota waldichaa irratti hirmaachuu,yaada fi sagalee kennuu,filuu fi filatamuu,
- Sochii waldicha ilaalchisee ragaa argachuu fi beekuu.
13.2 Dirqamoota
Miseensi kamiyyuu mirgoota dambii bulmaata kana keewwata 13.1 irratti ibsaman argachuuf dirqamoota armaan gadii guutee argamuu qaba.
- Dambii ittiin bulmaataa kana fi dambii keessaa murtiiwwaan waldichaa fi qajeelfamoota biraa kana irratti hundaa`anii kabajuu fi murtii kenname hojii irra Oolchuu,
- Walga`ii waldichaa irratti yoo waamaman argamun marii irratti hirmaachuu
- Murtii sagalee caalmaan murtaa`ee fudhachu fi hojii irra Oolchuu,
- Qabeenya Waliinii waldichaa eeguu fi kanuunsuu.
- Kaffaltii Busii Miseensumma qarshii 100 fi sunii ol kan ji’aa ykn qarshii 1200 kan waggaa fi kan biraa kaffalamu qaban yeroon kaffaluu,
- Miseensi kamiyyuu kaayyoo waldichaa kabajuu fi tajaajila irraa eegamu kennuu qaba.
- Gahee hojii fi ittigaafatamummaa waldicha keessatti kennameef kabajuun raawwachuu,
- Hojiiwwan Gaarri waldaan hojjatamuu dhiyeenyatti hordofuun deeggaruu fi to`achuu .
Keewwata 14: Tumaalee Adda Addaa
- Tumaalen adda addaa qaama bulchiinsa waldichaa kan ta’an koreelee, Miseensaa, Mit-miseensa fi keessummoota irratti ni hojjata.
- Liqeen kamiyyuu miseensa waldichaa, hojjataa waldichaati fi miseensa manajimentitiif kennamuu hin danda’uu.
- Bara Baajetaa Waldichaa Akkaataa Laakkofsa Itiyoophiyaa tin ta’a.
- Manajimentiin ykn miseensii waldicha bakka bu’uun kennaa qabeenyaa nama ykn qaama ykn dhaabbataa kamiyyuu irraa fuudhuu ni danda’a. Qabeenyii akkana sun kan buluu fi maqsamuu akkaataa seeraa fi dambiiii waldichaa tiniidha. Kennaan qabeenyaa kamiyyuu karaa seeraa qabeessan yoo hin fayyadamne ta’ee waldiichaan fuudhamus hin qabu , yoo seeraa naannoos ta’ee federaalaa faallessu ta’e fudhatamas hin qabu.
- Kennaan ykn Deeggarsii kamiyyuu ergaa taasifameen booda deebii hin ta’uu,yoo waldichaa fi qaamnii kennuu waliigaltee deebisuu qabaatan malee.
- Seenaa Yakkaa. Miseensii koree hojii gaggeesituu, Boordii ykn miseensii koreelee kamiyyuu keessa jiran yoo yakka irratti hirmaatan jedhamanii shakkaman waajjiraa irraa nii dhaabbatu. Yakkamaa jedhamee yoo mirkanaa’e immoo battalumatti gahee hojii hojjachaa jiran irraa ni dhaabaman. Qaamnii miseensaa ittiwaamama qabuu sa’aatii 24 keessattii miseensaa yakka irratti hirmaatera ykn shakkameera jedhame san Boordiif gabaasa tolcha.
- Afaan/Komunikeeshinii. Giddugalii komunikeeshinii waldichaa marii, beeksisaaf ta’uu afaan Oromoo,Afaan Amaaraa fi Ingiliffaa ta’a. Malii komunikeeshinii jiruu kamiyyuu kan akka bilbilaa,Iimeeyilii,fi kkf ergaa dabarsuuf ni fayyada. akkaataa barbaachisaa isaatin mala kominikeeshinii bu’aa qabeessaa ta’een kaayoo barbaadamuuf ni fayyadama.
- Maddii Galii Waldichaa Buusii miseensaa fi Kennaa Deeggartoota irraa argamuudha.
Keewwata 15: Qindeessaa Koree Komii fi Naamusa
- Ittii Waamamii isaa Dur Ta’aa Waldichaa tiif
- Hir’innaalee Naamusa hojjatoota Keessatti yoo Muldhatan sirreessu.
- Hojjatoonni waldicha Ilaalchaa gaari fi Amala Gaarii Akka Qabaatan taasisuu.
- Komii Waaldicha keessatti fi Alatti dhiyaatan Irratti Qaama Dhimmii Ilaalu Waliin irratti Hojjachu.
Keewwata 16: Yeroo Dambiin Ittiin Bulmaataa kun Raggaa’uu
Dambiin ittiin bulmaata kun yaa`ii waligalaa waldichaan mirkanaa`ee abbaa aangoo dhimmii ilaaluuf dhiyaatee guyyaa galmaa`ee irraa eegalee kan hojii irra ooluu ta`a.